Abbaa Warraa/Jaalallee kee Gammachiisuuf Qabxiilee Taasisuu qabdu (Dubartootaf)
➊ Hubachuu : Dhiirri waanuma fedhi/miira hin qabne sitti hin fakkaatin. Dhiirri dafee waan hin aarref, hin gammanneef waanuma miira maleessa sitti hin fakkaatin. Obsuun isaa gatii waan hin qabne hin se’iin. Waan baasee sitti hin dubbanneef hin guggubiin. Akka isa rakkifte baruuf dirqama akka kee boo’ee imimmaan harcaasuu hin qabu,
➋ Hin dhorkin : Hin dhorkin, hin dhoowwatin kan jedhamu waan biraa osoo hin taane eenyummaa keeti. Akka barbaade si haa godhu. Waan kee hundayyuu sa’aatii hin kajeeletti jala qabuu qabda. Dhiirri yeroo hunda walqunnamtii saalaa fedha. Dhiirri wixataa hanga wixataatti qophaa’etuma taa’a. Ati fedhiin kee dafee dhufu dhiisuu danda’a. Ati fedhuu baattus isaa jettee akka kajeelte itti himuu qabda. Kana gochuun kee jaalala isaaf qabdu agarsiisa. Innis akka si jaallatu ni taasisa. Yoo waalloltaniyyuu isa adabuuf jettee dugda itti naannessuu, siree jijjiirrachuu hin qabdu. Akka dubartii biraa bira deemu gochaa waan jirtuuf of eegadhu.
➌ Nageenya laadhuuf : Ganamaa galgala hafuura isa kutuu hin qabdu. Ammuma inni ba’ee galu nageenya isa hin dhorkin. Mana isaa akka jibbu hin godhin.
➍ Hariiron dhiirota biraa waliin qabdu xiqqaachuu qaba. Dhiira biraa waliin hariiroo addaa qabaachuu dhiisuu dandeessa ta’us garuu kanuma wajjin kofaltuyyuu xiqqeessi.
➎ Waa’ee isaa hin odeessin : Hanga abbaa warraa / jaalallee kee ta’etti waan barbaade hir’uu baay’ee qabatuyyuu akka gadi baatee isa hin odeessine. Qal’atus isumatu dhirsa keetii. Maatii, hiriyoota keetti gadi baatee amala gaarii hin qabu, manatti na rakkisee, siree gubbaatti dadhabaadha jettee goonkuma akka hin haasofne.
➏ Gaafadhu : Gaafadhu kanin jedhu waan ofii keetii barbaadde osoo hin taane waan inni barbaadudha. Waan itti balleessite, waan itti hir’ifte, maal fooyyessuu akka qabdu gaafadhu. Callistee of irraa baasoo osoo hin taane fuula jaalalaatin gaafadhu.
➐ Jaalala itti agarsiisi