Qaama saalaa dhiphisuu(Dubartoota)


Qaama saalaa dhiphisuu (dubartootaa)

◉ Yeroo walqunnamtii saalaa wantoota dubartii yaaddessan keessaa tokko qaamni saalaa ishii bal’achuu isaati. Osoo dhiphaa ta’eefii jaalallee/abbaa warraa ishii gammachiiftee itti tola. Qaamni saalaa dubartii bal’achuun yeroo tokko tokko waanuma qaamni seene itti hin fakkaatu. Dhiirattis qaama jabaatee qabu malee kan keessa fiigu itti hin tolu, miirri omtuuyyuu itti hin dhaga’amu.

Qaamni saalaa dubartii akka bal’atu kan godhan:

Umurii : Qaamni saalaa dubartii akka bal’atu kan godhan keessaa tokko umuriin fagaachudha. Ammuma umuriin dubartii deemu tishuun qaama saalaa ishii laafaa, goggoogaa, nyaatamaa deema. Amalli asiidummaa hir’achaa waan deemuf addaan harkifamuun nafsaalaa dadhabaa deema.

Da’umsa : Kan biraa immoo daa’ima dhaluudha. Yeroo da’umsaa qaamni saalaa dubartii akka bal’atu wal nama hin gaafachiisu. Ammuma fedhe erga deessen booda dhiphatus garuu goonkumaa bakka isa duraatti hin deebi’u. Ammquma baay’inaan deessu nafsaallis bal’ina isaa dabalachaa deema.

Gorogoraa : Qaama saalaa dubartiitti wantoota fufurdaa yeroo hunda seensisaa oolun qaama saaltaa dubartii bal’isuu danda’a. Meeshaa ciccimaadhan dubartoonni fedhii foonii ofiif raawwachuuf (masturbation) jecha gara qaama saalaa isaanitti seensisanis meeshichi isaan fayyadaman sun bal’isuu danda’a.

➲ Dhiirota baay’ee waliin yeroo hunda raawwachiinis kanaaf nama saaxila.  Yeruma hunda Walqunnamtii saalaa raawwattef osoo hin taane uumamumaan yookin sanyiidhan qaamni saalaa dubartoota tokko tokkoo bal’aa ta’uu danda’a.

Qaamaa saalaa dhiphisuuf:

Ispoortii dalaguu : Mataa fi gateettin lafa tuquun, miila lamaanin digirii sagalatama uumun, naannoo qaamota hormaataa fi teessumaatin ol jechaa gadi deebi’aa guyyaatti yeroo sadi si’a kudhaniif raawwachuu (kegel exercise).

➲ Dugdaan ciisun miila lamaan wal jala qaxxaamursuun ol fuudhun gadi deddeebisuun hojjachuu. Maashawaan qaama saalaa gara fuulduraa jiru dhiphisuuf ni fayyada.

Leenjisu : Yeroo fincaan fincooftu shakaalunis ni danda’ama. Yeroo fincooftu fincaan jidduutti qabuu, gadi dhiisuu, qabuun ni danda’ama. Malli kun yeroo walqunnamtii saalaa qaama saalaa dhiiraa jabeessitee qabuuf ishii fayyada.

➲ Yeroo walqunnamtii saalaa raawwatamu akkaataa ciisichaa (sex position) akka nafsaalli dhiphatu godhan fayyadamuu.

Poosishiiniiwwaan kanaaf filatamoo ta’an:

➵ Butterfly :
Ishiin minjaalarra dugdaan ciisti, inni immoo miila ishii gateettii isaarra godhee mudhii ishii qabee raawwata. Asitti ishiin miila ishii walitti oofun akka sirritti dhiphatu gochuu dandeessi.

CrisssCross : Ishiin dugdaan goiisti. Innimmoo ni jilbeeffata. Luka ishii lamaan ol fuudhee walqaxxamursee faallaa gateettii isaarra godhee jalaan raawwata. Bal’inni nafsaalaa ishii goonkuma isatti itti hin beeksisu.

Tighter doggystyle : Akkuma gosoota doggy style biroo asittis isheen harkaan lafa qabattee jilbeeffatti, garuu akka warra kaanii osoo hin taane asitti miila ishii walitti dhiyeessitee jilbeeffatti.
Yaada keessan comment barreessaan

Related Posts

2 thoughts on “Qaama saalaa dhiphisuu(Dubartoota)

  1. Yaada gaarii dhugumaan jireenya ilmaan namaa kamiyyuu keessa jiruu namni hin hundi akka hubatu gochuunkee gaarii dha. Garuu, ta’ee otoo jiruu, ……..

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *