Faayidaan Durbummaa Shamarraniif maalii?

.
Faayidaa Durbummaa
🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁

◈ Dubartoonni durbummaan abbaa warraa isaanitti heeruman hammam haa gammadan?

◈ Hamma gaafa heerumtu tti durbummaan turuun maaliif si fayyada?

➲ Mallattoo qulqullummaa keeti, ati ishee hin xureeffaminii dha.

➲ Mallattoo kabaja keeti, ati ulfina qabeettii dha.

➲ Hawaasa keessatti maqaa gaarii qabda, ejjaan namni si hamatu hin jiru.

➲ Abbaa warraa kee “abbaa durbummaa koo” jettee isa waamuu dandeessa.

➲ Ulfina keen waan itti heerumtuuf gaa’illi keessan kan jaalalaa fi nagaa ta’uuf carraa guddaatu jira.
Sababuma durbummaa irraa kan ka’e gaa’ila nama baayyeetu diigama. Inni dubartii fuudhu garaa isaatti, “dhiira meeqaa wajjin turte laata, yeroo hammamiif sagaagalaa turte laata, eenyuufaa wajjin turte laata” jedhee waan yaaduuf garaa guutuu ishee hin jaallatu, hin amanus. @garritube

➲ Durbummaan heerumuu kee gaafa baran, maatii fi firoottan kee, maatii fi firoottan abbaa manaa kee, ilmaan kee fi sanyiin si booda dhufan siin boonu, akka fakkeenya gaariitti maqaa kee kaasu, ulfina siif kennus.

➲ Bor gaafa guyyaan dhufu intaloota keen “ani kunoo akkasittan heerume, narraa baraa, of qabaa” jettee gorsuu dandeessa.

➲ Fuula abbaa manaa keetti ija guuttee hafta malee ati qaaniidhaan lafa hin ilaaltu, gaabbiis hin qabaattu, ulfinaan heerumuu keetti yeroo hundaa itti gammadda.

➲ Abbaan durbummaa kee abbaa manaa kee waan ta’eef ati baayyee isa jaallatta, innillee yoo ati waan baayyee balleessiteyyuu obsa sii qabaata, onnee guutuun si jaallata.

➲ Abbaa manaa kee wajjin ati kakuu dhiigaa qabaatta. Dhiigni durbummaa mallattoo kakuu ti.

➲ Kennaa kana qabattee akka heerumtuuf Rabbiitu siif kenne. Rabbiin kana waan godheef qaba malee dogooggora miti. Kennaa Waaqayyoo mallattoo ulfinaa godhee siif kenne kana fudhachuufiin kan maluuf, abbaa manaa kee qofa!

➲ Dhiirota fedha foonii qofaaf si barbaadanii wajjin sagaagaltee seenaa keessa keetti si ceepha’u hin qabdu.

➲ Dhiira biraaf durbummaa kennanii, kaanii wajjin ejjanii, booda kan biraatti heerumuun gaarummaan isaa maali? Utuu hin beekin dhukkuba saalaan qabamuu yookaan ulfaa’uullee dandeessa.

Kanaaf:

✔  Kaayyoo kee kanaaf murteeffadhu.

✔  Iddoo siif hin malle hin dhaabatin.

✔  Shira irraa of eeggadhu. Ulfina qabeettii ta’uu keetti kan sitti inaafanii kiyyoo sii kaa’an jiraachuu malu. Shakki, kallattii tokko qofaan waa hin ilaalin.

✔ Hidhata hiriyaa gadhee hin ta’in. Namni ati ‘harkiseen tulluutti ol baasa’ jettu gottotee boolla si buusa.

✔  Qoosaa hin taane irraa of eeggadhu, ‘qaldii fi albaatiin mana balleessa’.

✔ Hiriyyoota kee warra durbummaa qaban waliin hariiroo cimsi. Isaan waliin mariyadhu, wal eegaa, egereen keessan hin badin!

Related Posts

3 thoughts on “Faayidaan Durbummaa Shamarraniif maalii?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *